Loading...
Daawwannaa kanaanis kilaastara gaarmantii, oomisha zayitaa, tolchaa daabbo, qurxummii, fi kanneen biroon daawwatamaniiru. Waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaatti abbaan adeemsaa ce'umsa interpiraayizootaa Obbo Qaasim Usmaan, mootummaan guddinna hundagaleessa fiduuf hojjechaa jiruun, waan qabatamaa magalatti keessatti hojjataman gara naannoo biroottis akka hojjetamuuf yeroo gara garaatti muuxannoowwan qoodaa akka jiran himaniru.
Gama birootiin muuxannoo wal-jijjiiruun guddinna walfakkaataa akka biyyaatti karoorfame dhugoomsuuf iddoo guddaa akka qabu himani, interpiraayizoonni hojii keessa jiranis carraa hojii dhaabbii fi yeroon kan uuman ta'uu ibsaniru.
Waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Diree Dhawaatti abbaan adeemsaa carraa hojii uumuu Obbo Sa'id Alii, hojiiwwan magaalaa Adaamaa keessatti gama carraa hojii uumuutiin hojjatame fi gargaaramtummaa jalaa bahuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiru kan nama boonsu ta'uu dubbataniru.
Akka magaalaa Dirree Dhawaatti lammii hojjatee of jijjiiree biyya isaas jijjiiru uumuuf hojiileen hojjetamaa jiru bal'aa ta'uu kaasani, kana caalaa cimanii hojjechuuf ammoo hojiiwwan magaalaa Adaamaa keessatti hojjetaman irraa muxaannoo fudhachuun, hiyyummaa seenaa gochuuf dandeetti dargaggootaa fi qabeenyaa biyyatti fayyadamuun cimanii kan hojjetan ta'uu dubbataniru.
Qaamoleen daawwannicha irratti arginee dubbifne yaada Raadiyoo ABS'f kennaniin magaalaa Adaamaa irraa muxannoo hedduu kan qooddatan ta'uu himani, hojiilee asitti argan kana qabatamaan gara naannoo isaanitti fidani kan hojjetan ta'uu dubbataniru.