Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-10
Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti Aanaan Gooroo Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababbeeffachuun Barattoota Maatii Harka Qalleeyyiif Meeshaalee Barnootaa Deeggarsaan Kenne. ABS-Qaammee 05 , 2018

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Gooroo Obbo Nigusee Kabbadaa Qaammeen 5 guyyaa egeree akka ta'e ibsuun,barataan sababa hanqina meeshaalee barnootaa dhabuun baruumsa isaa addaan kutuu hin qabu jechuun,akka aanaa Goorootti manneen barnootaa 9'f dabtara darzana 1,200 ol ta'u Qarshii Miliyoona 2 tti siqu Qindeessuummaa Waajjira Kominikeeshinii Magaalaatiin kennuu dandeenyeerraa jedhu.

Deegarsi hojii tola ooltummaa kun fuulduraafiis akka itti fufu kan ibsan obbo Niguseen,barataan baruumsa isaatti cimuu,maatiin barataa fi hoggansi sadarkaan jiru hordoffii gahaa gochuu akka qaban dhaamaan.

 Itti Gaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa addee Amiinaa Unkuush gama isaniin,nama gargaaruuf nama ta'uu qofti gahaadha jechuun, akka waajjiira keenyaatti dhaabbilee fi abbootti qabeenyaa adda addaa hirmaachiisuun dabtara darzana 2,600 ol ta'u Qarshii miliyoona 2.3 shallagamuu waliitti qabuun kennineerraa jedhu.

Dura bu'oonni manneen barnoota deegarsi meeshaalee barnootaa barattootaaf taasifame 

kun barattootni baruumsa isaaniitti akka cimaan taasisaa jechuun, barattootni qabxii gaarii akka galmeesaaan hordoofiin maatii jiraachuu qabaa jedhu.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4