Loading...
Itti fayyadamaa fi barbaachisummaa miidiyaa hawaasaarratti rogeeyyii miidiyaa fi hoggansa sadarkaan jiru waliin mariin taasifameera.
Karoora ka'umsaa sosochii horannaa hordoftootaa (followers) tibbana taasifamu I/G Publisiitii Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ahimad Aliyyiitiin dhiyaaterratti mari'achuun akkaataa hojiin miidiyaa hawaasaa bu'a qabeessa ta'uu danda'urratti mari'atameera.
I/G Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa injifannoowwanii fi yaadama tarkaanfataa biyya keenyaa keessatti gaheen miidiyaa haaraa gahee olaanaa qabaachuu ibsanii badhaadhina yaadame dhugoomsuuf kominikeetara haala qabatamaa keessa jirru hubatee badaadhina yaadame dhugoomsuuf kutannoo qabu horachuun murteessaa waan ta'eef sosochii horannaa miseensaa kanarratti hoggansi sadarkaan jiru gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.