Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-07
Magaalaa Adaamaatti kutaan magaalaa Dambalaa haala misooma haaromee baadiyyaa cimsuun danda'amurratti hoggansa isaa sadarkaan jiraniif leenjii kennuu eegale.

Leenjicharratti hoggantoonni kutaa magaalichaa,aanaalee fi gaggeessitoonni zooniwwan irraa hirmaataniiru.Hojii raawwachisaa ol'aanaa kutaa magaalaa Danbalaa obbo Yimanuu Tashoomaa ijaarsi qe'ee qonnaan bulaa bu'aa bahii qabaatus milkaa'ina agarsiisuu himanii cimina fi hanqina adda baasuun haaromee babal'isuuf kan hojjetamuu ta'uu dubbatan. 

Itti aanaan kantibaa fi Itti gaafatamaan damee diinagdee magaalaa Adaamaa Dr Maatiwoos Sabboqaa qe'ee qonnaan bulaa kutaa magaalichaatti hojjetameen hooggansa humna, dandeettii fi qindoomina hojii qabu horachuun danda'ameera jedhan. 

Qooda fudhattoonni leenjichaas qonna ammayyeessuu, ce'umsa caaseffama diinagdee mirkaneessuu fi haaromsa aadaaf xiyyeeffannoo kennuun Itti fayyadamiinsa qotee bulaa daran cimsuuf qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. 

Hirmaattonni leenjichaa gama isaaniitiin yaadamni qe'ee haaromee  jiruu fi jireenya qonnaan bulaa bu'uurarraa fooyyessuu cinaatti miira danda'uu itti uumuu kaasanii muuxannoo argataniin hojii caalmaa hojjechuuf kutannoo qaban ibsaniiru. Leenjichi guyyaa lamaaf Itti fufuu odeeffanneerra.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4