Loading...
Daaw'annichaan Ismaart Gaalaarii,'Adama city arena fi Data Center ilaalaniiru. Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaatti Daariktarri Mirga fi Nageenya Daa'immanii Aadde Mariyam Amaanoo kaayyoon daaw'annichaa hojiiwwan mootummaan amma hojjete dhaloota egereetiif cee'ee fayidaa kennuu danda'uu isaa qabatamaan ijjoollee lafaa dhufotti agarsiisuun miira danda'uu itti horufii jedhan.
Biirichi paarlaamaa daa'immanii hanga sadarkaa aanaatti ijaaruun daa'imman sirna dimokiraasii shaakalaa akka guddatan deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu himaniiru.
Afa yaa'iin Paarlaamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa barattuu Hayaat Mohammad paarlaamichi akkaataa caaseffama isaatiin hirmaannaa,eegumsa fi mirga daa'immanii kabachiisuurratti hojjetaa akka jiru ibsite.
Hirmaattonni daawwannichaa magaalichi hojiilee misoomaa hojjetu keessatti fayyadamiinsa daa'immaniis hammachiisuu daaw'annichaan hubachuu himanii iddoo biraattis misoomni akkasii babal'achuu akka qabu dubbatan. Paarlaamaan Daa'immanii kun daaw'anaan alatti Mana Barumsaa Leetenaal Koloneel Dajanee Simee sad.1ffaa keessatti biqiltuu dhaabeera.