Loading...
Dr. Tashoomaa Abdoo paarlaamaaf; Dr. Alamaayyoo Girmaa fi Aadde Amiinaa Inkushii caffeedhaaf ummata magaalaa Adaamaatiin filamanii kan bakka bu'an yommuu ta'u hojii siyaasaa fi ijaarsa biyyaa hojjetamu cinaatti hawaasatti siquun hojiilee misoomaa fi hawaasummaa gara garaarratti hirmaachaa jiru.
I/A Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsiif Teeknoloojii Adaamaa fi Miseensi Paarlaamaa Dr. Tashoomaa Abdoo ashaaraan magariisaa jijjiirama qilleensaa to'achuu fi dinagdee ummata keenyaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsanii bara kanas biqiltuuwwan nyaataaf, miidhaginaa fi gaaddisaaf oolan bal'inaan dhaabuun ilaalcha hirkattummaa irraa gara omishtummmaatti ce'uun wabii nyaataa biyya keenyaa mirkaneessuu keessatti qaamni hundi gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Bulchaan Aanaa Gooroo Obbo Kadiir Adam bara kana biqiltuu ashaaraa magariisaaf karoorfannee ol dhaabaa jiraachuu eeranii bilookii bilookii keessa biqiltuuwwan nyaataa fi miidhaginaaf oolanirratti xiyyeeffachuun hawaasni akka kunuunsu taasisaa jirra jedhaniiru.