Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-08-10
Hooggantooni fi Hojjettoonni Dhaabbata Tajaajila Inshuraansii fayyaa Itiyoophiya Dhaabbii biqiltootaa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Booleetti Gaggeessan.

Hoogganttoonni fi Hojjettoonni Tajaajila Inshuraansii fayyaa Itiyoophiyaa fi Damee Adaamaa qindoominaan bara 2010nirra jalqabe Biqiltoota gosa adda addaa dhaaba jiraachuu fi kanneen dhaabate kunuunsuu, hojii tola ooltummaa kanneen birootiin baratoota maatiin harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa Arjoomuun ibsame.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Dhaddacha Araaraa Obbo Faanoo Gammaddi keessummootaa sagantichaa simachuun ergaa Dabarsaniin  biqiltootaa dhaabuun akka daa'imma ofitti kunuunsuun  madaalama, warreen saganticha qindeessitan ,Hooggantoonni fi ogeeyyiin sadarkaa federaalaarra Aanaa Dhaddacha Araaraa keessa biqiltootaa dhaabuuf  hirmaatan galata qabdu, waldubbisuun kana caalaa hojjechuu qabna jedhan. 

Hojii Raawwachisaa ol Aanaan kutaa Magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaa Akka kutaa Magaalaa Booleetti Miseensota inshuraansii fayyaa horachuu,Hojii Ashaaraa Magariisaa,Hojii paartiifi Mootummaatiin akkasumas Innisheetiivii misoomaa qonnaatiin sadarkaa Gaarirraa jiraachuufi gara fuulduraas muuxannoo kennuuf  ni hojjenna jedhan. 

Keessummaa kabaja tahuun saganticharratti kan argaman Hooggana ol'aanaaTajaajila  Inshuraansii fayyaa Itiyoophiyaa Obbo Tasfayee Warquu gahee keenyaa bahuuf hojjettootaa muummeefi damee Adaamaa hirmaachisuun biqiltootaa kutaa magaalaa Boolee Aanaa Dhaddacha Araaraatti dhaabuu himan. 

Dhaabbii biqiltootaatiin cinaatti Hojii tola ooltummaatiin Daa'immaan maatii harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa arjoomuufi Jajjabbeessuu,biqiltootaa dhaabate kunuunsuu qabna, kun hariiroo  jidduu jiru cimsa jedhan. 

Hoogganaan Tajaajila Inshuraansi fayyaa Itiyoophiyaa Damee Adaamaa obbo Idiriis Ahimad  biqiltootaa Gaaddisaafi nyaataaf ooluu danda'an kanneen 2000 ol ta'an Aanaa Dhaddacha Araaraa keessatti ogeeyyii  200 ol hirmaachisuun dhaaba jiraachuu  dubbatan.

Bara 2010 irraa jalqabuun,Ogeeyyii Tajaajila Inshuraansii fayyaa Itiyoophiyaa wajjiin iddoolee garagaraatitti  biqiltoota dhaaba Turu kaasuun baranas Aanaa Buttaa fi Aanaa Dhaddacha Araaraa keessatti biqiltoota dhaabuu jalqabne gara fuulduraas itti fufa  jedhan. 

Kana caalaa biiltootaa dhaabuufi kunuunsuun fedhii jiruu agarsiisuuf akka magaalaafi kutaa magaalaa akkasumas Aanaaleetti haala nuf mijeessuu qabu jechuun waamicha dhiheessan. Ogeeyyiin  saganticharratti hirmaatan biqiltoota dhaabate kunuunsuun dirqama tahuu dubbatan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
Related