Loading...
Duulaa ashaara magariisa akka biyyattiitti jalqabamee galmaan gahuuf hojjettootni Waajiraalee Galii,Daldalaa, Lafaa, carraa hojii uumuu,konstiraakshinii kutaa magaalaa danbalaa dulaan biqiltuu dhaabaniiru .
Itti gaafatamtoonni waajjiraalee kunniin biqiltuu dhaabuun jijjiirama qilleensa fiduu irraa darbee wabii nyaata mirkaneessuuf akkasumas hawwatuummaa magaalattii akka dabalu waan taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhan.
Akkasumas biqiltuu dhabamee kana akka firii horatuf dabree dhaan ta'uun kunuunsa barbaachisu ni godhamaaf jedhan.
Hojii raawwachiisaa olaanaa kutaa magaalicha Obbo Lamma Baqqalaa seektarootni kunniin qindominaan biqiltuu dhabuun isaanii akka kutaa magaalichaatti tajaajila lamummaa ganna jalqabamee milkeessuu keessatti shoora guddaa qaba jedhan.
Akka kutaa magaalichaatti bara kana tajaajila lamummaattin hojileen hedduu hojatama jiraachuu himuun kunuunsa irratti xiyyeeffannoo itti kennamee akka hojatamu ibsan.
Hirmaattoonni saganticha gama isaanitiin biqiltuu akka daa'immatti kunuunsa barbaadu waan ta’eef galmaan gahinsa isaaf hojanna jechuun dubatan.