Loading...
Dhabiin biqiltuu kun buufata fayyaa Bokkuu shananiitti kan gaggeeffamee yoo ta'uu, hojjatoonni waajjira fayyaa magaalattii, miseensonni qajeelcha maatii damee Adaamaa
akkasumas tola oltoonni waldaa fannoo diimaa argamaniiru.
Itti gaafatamtuun wajjira fayyaa magaalaa Adaamaa Sisteer Samiiraa mahammad akka waajjirichaatti bara kana tajaajila lamummaattin dhabii biqiltuu, arjoomaa dhiigaa fi manneen harka qalleeyyii ijaaruu keessatti shoora guddaa bahaacha jira jedhan.
Guyyaa har’as qaamolee biroo waajirichaa deggarsn waliin ta’uun dhabii biqiltuu gaggessuu isaanii himuun biqiltuu kana bu'aa isaa ilaaluuf hundii keenya kunuunsa barbaachisuu godhuu qabnaa jedhan.
Daarektarri buufata fayyaa bokkuu shananii obbo mahammad ruubee
biqiltuun buufaticha keessatti dhabaman midhagina irraa darbee nyaataaf kan olaan waan ta'eef kunuunsa barbaachisuu akka godhamuuf himan.
Hirmaattonni sagantichaa gama isaanitiin biqiltuu dhaabuun faayidaa guddaa waan qabuuf kan dhaabamee moo yeroo yeroon kunuunsuu nurraa eegamaa jedhan.