Loading...
Biyya keenyatti dachee magariituu jireenyaaf mijattuufi hawwattuu taate dhaloota egeree dhaalchisuuf kutannoon hojjetamaa jira. Hojii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa hanga ammaatti hojjetameenis bu'aawwan gurguddaan galmaa'anii jiru.
Kutaan Magaalaa Bokkuu Shananis hawaasa Aanaalee Sadanii qindeessuun biqiltuuwwan gosa garaa garaa nyaataf, midhagina fi bosonaaf oolaan hedduu itti fufiinsaan dhaabuun rakkoo jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti yaaddessaa tahe to'achuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban keessa dhaabbatan uwwisa bosonaa dabaluu qofa osoo hin taane qilleensa mijaata argannee Jira jedhan hawaasni Kutaa Magaalaa bokkuu shanani Aanaa Torban Oboo fi Aanaa Harooreetti duulaa biqiltuu dhaabii irratti arginnee dubbisnnee tokkoo tokkoo.
Itti Aanaan bulchaa Aanaa Torban Oboo Obbo Abbaay Umar Akka Aanichaa biqiltuu gosa adda addaa Kuma 500 ol dhaabuuf hojii keessaa jirachuu himan.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Harooreetti Obbo Urgechoow Kabbaada
biqiltootni dhaabamaan kunneen jijjiiraamaa qilleensa rakkoo ta'a jiru furuuf shoora olaanaa qaba jedhani akka aanichaatti hawaasa hirmachiisuun iddoolee barbachisoo ta'etti biqiltuu Kuma 300 ol dhaabamaa jirachuu himan.
Hojii Rawwaachisaan Olaanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu shanani Obbo Gammachuu Mokkonnen erga dabarsaniin dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ganna kanaa kutaalee hawaasaa garaa garaa Kutaa Magaalichaa hirmaachiisuun biqiltuu gaddiisa, midhagina fi nyaataf oolaan dhaabamaa jirachuu himan.
Akka Kutaa Magaalaa bokkuu shananitti ganna kana biqiltuu ashaara Magaarisaan dhabamuuf karoorfamee biqiltuu Kuma 900 ol ta'u himanii yeroo Amma dhibbentaa 98 ol rawwaatamuu dubbatan.
tti gaafatamaan Wajjiira Qonna Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanani Dr.Guddaata Moojoo hojii ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiruun, bara kana Aanaalee hunda keessatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa Kuma 900 ol dhabamuu dubbatan.