Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-20
Balaa tiraafikaa lubbuu fi qabeenyarra gahu hambisuuf gaheen konkolachistootaa olaanaadha.

Ejensiin Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa leenjii hubannoo tiraafikaa fi naamusa ogummaarratti konkolaachistootaaf buufata konkolaataa keessatti leenjii hubannoo kennaa jira.

I/G Ejensii Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuraa Shuumii leenjiin kun walta'iinsa Ejensii Geejjiba Oromiyaa waliin kan kennamu yoo ta'u leenjii booda konkolaachisaan hundi waraqaa ragaa gahumsaa kan kennamuuf ta'uu ibsanii lubbuu namaa bakka hin buune hambisuu fi nageenya daandirraa tiksuuf gaheen konkolaachistootaa olaanaa waan ta'eef ogummaa kabajamaa qaban naamusa olaanaadhaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4