Loading...
Keessummooni dhimmi ilaaluu kan hirmaatan yoo tahuu,bakka hojjetan hundaatti qerroofi qarreen akka keessatti hirmaatan kaka'umsa kan taasisan tahuun himame. Keessummota sagantichaa simachuun haasawa baniinsaa kan taasisan Manajerri pirojektii dhaabbata misooma hawaasaa Dalaasaal obbo luluDagadi Asirratti pirojektiin waggootaa sadii oliis barumsa lammuummaa kennuu kun qaamaan wirtuutti warreen argamanii fi interneetiin akka kennamuu himann. Hoogganaan dhaabbata misoomaa Dalaasaal obbo Saalamoon Gidday pirojektiin hojii lammummaarratti xiyyeeffate kun magaalota shanirratti hojirra kan.ooluu tahuu kan Magaalaa Adaamaa jalqabuus himan.
Dhaabbilee tajaajila lammummaa Itiyoophiyaatti Ogeetiin Tajjabduu dhimmaa filannoo Addee Qalkidan Misgaanuu dhaabbata barumsa lammummaa isaani keessa mani kitaaba fi interneetiin mijachuu himuun matdureewwan barumsichaa 10 tahuus dubbatan. Barusichii Afaan afuriin karaa interneetii fi wirtuutti kan kennamuu tahuu lammiileen Afaan.beekan filachuun waa'ee hirmaanna lammummaa barachuu qabu jedhan.