Loading...
Marichaan hojiilee gurguddoon bara 2018 hojjatamanii fi milkaa'inoonni galmaa'an ibsamaniiru. Keessumaa gama wabii nyaataa mirkaneessuu, kalaqaaf ogummaa cimsuu, dhaweessummaa baay'isuu fi bulchiinsa ammayyeessuutiin hojiin bal'aan hojjatamuun eerameera.
Hojiilee gama badhaadhina maatiin hojjatame keessattis jiraattonnii fi hawaasni daldalaa fayyadamoo ta'aa dhufuun ibsameera. Hojiileen ijoon bara 2019 adda bahuun ibsamaniiru. Maricharratti qooda kan fudhatan hawaasni daldalaa hojiilee gama hundaan hojjataman dinqisiifachuun hirmaannaa isaanii akka itti fufan dubbataniiru.
Tilmaama galii guyyaa irrattis marii fi wal hubannaan gahee isaanirraa eegamu bahuuf ijjannoo qabaachuu kan ibsan daldaltoonni daldala seeraan alaa saaxiluu keessatti qooda ofii akka bahan ibsaniiru. Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa kutaa magaalichaa Obbo Magarsaa Dabalee bu'aawwan hojii misoomaan dhufan keessatti hirmaannaan daldaltootaa olaanaa ta'uu himan. Daldaltoonni hojii isaaniin milkaa'uuf haala qabatamaa biyyaa fi addunyaa hubachuun dhiibbawwan jiran hunda dandamachuu fi gabaa keessatti dorgomtummaa cimsuu qabus jedhaniiru. Hoji gaggeessaa olaanaan kutaa magaalaa Dambalaa Obbo Yimanuu Tashoomaa Adaduma misoomni fi hawwattummaan magaalaa dabaluun daldaltootaaf carraawwan bal'aan jiraachuu himan. Daldala seeraan alaa waloon ittisuurratti daran kan hojjatamu ta'uu kan himan Obbo Yimanuun Karoora ofdanda'uu bara 2019 milkeessuu keessattis daldaltoonni gahee irraa eegamu bahuu akka qabanis dhaamaniiru.