Loading...
Saganticharratti keessummooni fi Hooggantooni Magaalaa Adaamaa, qeerroo fi qarreen kutaalee Magaalaa Jahan,Abbootiin Gadaa fi Haadholiin siinqee hirmaatan. Sagantaan Eebbaa Abbootii Gadaan kan jalqabe yoo tahuu,taphani Goobee fi shinooyyee,dhiichisinni aadaa agaraiisan kan adda addaa taphatame. Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas warreen Goobee fi shinooyyee taphatan kanneen kutaalee Magaalaa jahaniifi Weellistootaaf kenna sagootaa kennuun iddoodha gara iddootti sosochii taasisuun tapha Goobee fi shinooyyee agarsiisan. Weellistooni,qeerroo fi qarreen tapha Goobee fi shinooyyeerratti Raadoyoon ABS dubbise aadaa fi Turiziimi wajjiin qindoomuun sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuuf ni hojjenna jedhan.