Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-12-04
Guyyaa saboota,sablammootafi Uummatoota Itiyoophiyaa marsaa 19ffaa sadaasa 29 kabajamuu sababeeffachuun Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa keessummootaa Naannoo Hararii fi Sumaaleerra dhufaniif sagantaa baga nagaan dhuftan qopheesse.

Saganticharratti Hooggantoonni Magaalaa Adaamaa,Abbootiin Gadaafi Haadholiin siinqee,qindeessitooni akkasumas keessummoonni kanneen biroo  waamichii Taasifame hirmaatan. 

Guyyichi akka walii galaatti mata duree 'Waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaaf' jedhuun kan kabajamu yoo ta'u Sadaasni 25 - Guyyaa Obbolummaa, Sadaasni 26 - Guyyaa Waliinii, Sadaasni 27  Guyyaa Kibba Itiyoophiyaa, Sadaasni 28 -  Guyyaa Marii akkasumas Sadaasni 29 -  Guyyaa Itiyoophiyaanotaa  jedhamuun   Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Arbaa Mincitti kabajamee ni  oola. 

Af Yaa'iin mana maree  Bulchiinsa  Magaalaa Adaamaa Addee Immabetti Jibbaa keessummoota simachuun ergaa dabarsaniin  Ayyaani sabfi sablammoota  mataduree waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaaf' jedhuun kan kabajamu tahuu himuun,karaa dheeraa qaxxaamuruun   asitti argamuu keessanii maqaa koo fi mana maree Bulchiinsaa Adaamaatiin galata qabdu,  baga Nagaanis  dhuftan jechuun keessummoota simatan. 

Itti Aantuu koree dhaabbii  dhimmaa Bulchiinsa seeraa fi misoomaa humna nama   caffee mootummaa  naannoo  oromiyaa Addee Birqee Zawudee   keessummoota Ayyaana sabfi Sablammoota kabajuuf Magaalota fi Godinaalee oromiyaarra dhufan simachuun keessummeessine gara Kibbaa Itiyoophiyaa magaalaa Arbaa Mincitti ni gaggeesina jedhan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3