Loading...
Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Ayyaanni dubartootaa akka addunyaatti yeroo 114ffaaf akka biyyaatti yeroo 49ffaaf dhaadannoo "mirga walqixxummaa fi gahoomina dubartoota hundaaf" jedhuun kan kabajamu ta'uu himanii guyyaa dubartoonni qabsoon dhiibbaa koorniyaa itti dhagahamuu eegale waan ta'eef mirga argame keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa hunda galeessa taasisuu akka qaban dhaamaniiru
I/A Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa dhiibbaan dubartootaa fi Daa'immanirra gahu hafee, fayyadamummaan dubatoota gama diinagdee, siyaasaa, fi hawaasummaa mirkaneessuun murteessaa waan ta'eef bulchiinsi magaalaa hojiilee misoomaa fi siyaasaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhaniiru.