Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2025-01-21
Hooggantoonni Naannoofi ogeessootni miidiyaa hojiilee tajaajila lammummaan Magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran daawwatan.

kaayyoon dawwannaa kanaas ogeessootni miidiyaa biyya keessaa  hojiiwwan gama tajaajila lammummaa adda addaatiin  magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiru hubannoo akka argataniifi milkaa’ina isaatiifis gaheesaanii akka bahan  ta’uu ibsamee jira.

Daawwannaa jila hoggantoota naannoo Oromiyaa fi ogeessoonni midiiyaa hojilee tajaajila lamummaa hirmaannaa hawaasaa qofaan hojjataman manneen harka qaleeyyii, manneen barnoota bu'uura boruu,waajjira Aanaa Caffee, gidduu gala olmaa daa'imanii fi dargaggoota  Aanaa Goorootti waldaan ijaaramuun   lafa heektara 12 irratti kuduuraa fi muuduraa misoomsuun jiruuf jireenya isaanii jijjiruun fakkeenya ta'an fi kanneen biroo daawwatamee jira.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
News Image 5