Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2025-04-02
Hiriirri deeggarsaa injifannoo bitootessa 24 fi deeggarsa mootummaa jijjiiramaa hawaasa magaalaa Adaamaa fi Godina Shawaa Bahaa hirmaachise bifa hawwataa ta'een gaggeeffameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee bitootessi 24 guyyaa siyaasa walcabsuu fi walxiqqeessuu diiguun sirna hunda keenyaaf ta'u yaadama haaraadhaan dhaloota imala badhaadhinaa hidhatee hirkattummaa biyya alaa jibbu horannee waadaa jechaan galle gochatti jijjiiruu aadeffannee fi carraa misoomuu biyyi keenya qabdu adda baasuun inisheetivoota fayyadamummaa fi hirmaannaa ummataa mirkaneessuun badhaadhinni mana mana akka galu taasisuu danda'an uumuun danda'ameera jedhaniiru.

Abbaa biyyummaa aarsaa fi hoggansa bilchaataadhaan Waadaa galle hunda gochatti jijjiiruun hiyyummaa fi boodatti hafummaarratti qabsaa'uun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru ta'uu ibsanii qabsoo aarsaa hedduu keessa darbee abbaa biyyummaa gonfanne qormaatarraa tiksuu fi aadaa hojii qabnu fooyyessuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf gahee qabnu bahachuu akka qaban waamicha dabarsaniiru.

Sad. I/A Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obno Addisuu Araggaa bitootessi 24 guyyaa seenessa mofaa seenessa walootiin bakka buusuun da'da'ame, 

lammiileen ilaalcha siyaasaatiin dhiibamanii biyyaa bahanii fi miiidiyaaleen ugguraman bilisa itti bahan ta'uu fi dimokiraasii dhugaa obbolummaa fi sabdaneessa ta'e ijaaruun injifannoo gurguddaa fi piroojektoota gurguddoo hojjechuun dinagdee qulqulluu fi hirkattummaarraa bahe horachuun omishaaf omishtummaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa eegale  hojjetamaa jira jedhaniiru.

Injifannoo bitootessa 24 booda qormaatilee keessaa fi alaa dandamachuun milkaa'inoota eenyuyyuu hin haalle galmeessaa waan jirruuf ummanni keenya injifannoo argame tikfachuun galma badhaadhinaa kaa'ame dhugoomsuuf yoomiyyuu caalaa  deeggarsa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4