Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-20
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Tapha Kubbaa Miilaa guddattootaa Umrii 17 gadii Torbee Lamaaf turuu fi guyyaaa boruu eegalu irratti kilabootaa fi gareewwan dorgommiitti hirmaatan 13 waliin marii gaggeesse.

Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaatti,Daayirektarri Tapha Kubbaa Miilaa guddattoota  Umrii 17 gadii  Obbo Kabbadaa Warquu kaayyoo dorgommii yoo ibsan dorgommiin guddattootaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamu kun taphattoota ciccimoo akka biyyaatti horanu iddoo itti calaluudhaan dubbachuun,  Magaalaan Adaamaatti dorgommiin taasifamu milkiin akka goolabamu abdii qaban ibsan.

Itti gaafatamaa Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Fufaa Garmaamaa saganticharratti qooda fudhachuun ergaa dabarsaniin Magaalaan Adaamaa garee dorgommii 6 qabatee dhihaachuu kaasuun,qophiin gahaa taasifameera bu'aa gaarii ni eegnaan dubbatan.Dhaamsa dabarsaniinis, Hawaasni Magaalaa Adaamaa keessummoota guyyoota 15f magaalaa Adaamaatti dorgommii ispoortiirra turaniif tumsa barbaachisu akka taasisu dhaaman.

Qindeessittoonnii fi  gareewwan  Kubbaa Miilaa dorgommiif qophii xummuran yaaada nuuf qoodaniin qophii gahaa taasisaa kan turanii fi dorgomichaan hanga dhumaatti gahuumsa agarrsiisuun geebaaf akka qaqqaban abdii qaban ni ibsu. Gareewwan  Kubbaa Miilaa dorgommiif qophaawwan Ramaddii 4tti qoodamuun kan dorgoman yoo ta'u, Gareen A'n gareewwan 4 kan waldorgoman yoo ta'u,Ramaddiiwwan B,C,Dn gareewwan 3, sadihitti qoqqoodamuun  kan dorgoman ta'aan ibsameera.


News Image 1
News Image 2
News Image 3