Loading...
Magaalaa Adaamaatti dorgommiin biskileetti marsaa 3ffaan korniyaa lamaan hirmaachiise fageenya damelee gara garaan adeesifme.Magaalaa Adaamaatti dorgommiin biskileetii yeroo adda addaatti marsaa marsaan gaggeefamu dorgomtota ciccimoo biyya bakka bu'anii sadarkaa iddil addunyaatti dorgomuun damee dorgommii biskileetii sisi'eesuun, hawwata turizimii harkiisuun fi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ragaaleen jiran ni muldhiisu.
Biiroo Daraggoo fi Ispoortii Oromiyaatti daareektarrii faasilitti ispoortii obbo Girmaayee Lataa akka jedhanitti Magaalli Adaamaa Sochii ispoortii biskileetii fi biroof haala mijataafi giddugala Ispoortii ta'aa dhufuu eeruun Kilaboota Magaalota Naannoo Oromiyaa fi naanoolee biyyatti biroo irraa dhufan dorgommin biskileetii gidduutti gaggeefamuun dorgomtoota ciccimoo biyya bakka bu'an horachuuf carraa guddaa kan uumu ta'uu ibsan.
Dorgommii Biskileetii kana Magaalli Adaamaa abbummaan qopheesuun Magaalaa hawwatamtuu, handhuura turizimii, giddugala indastiriifi Misooma hundagaleessa akka taatu akkasumas hawaasni biskileetii akka fayyadamu jajjabeessuun haala qilleensaa madaalawaa taasisuuf, fayyummaa hawaasaa eeguufi walitti dhufeenya gaarii hawaasaa giddutti kan cimsu ta'a jedhan.
Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaa Obbo Fufaa Garmaamaa akka jedhanitti dorgommiin Biskileetii Magaalaa Adaamaatti adeemsifamu aadaa hawaasni biskileetii fayyadamuu qabu guddisuu, ispoortessitoota haaraa gama kanaan horachuu, magaalaa giddugala ispoortiifi turizimii taasisuuf dabalataan bakka olimaa isaanii dorgommii ispoortii kanneen biroon ganna kana itti dabarsan ta'uu ibsan.
Dorggommiin biskileetii fageenya damelee ispoortii sadi km 70 fi 40'n dhiiraan akkasumas km 20 dubaraa fi dhiiraan kilabootaa adda addaa fi naanoolee magaalootaa fi adaamaa irraa dabaltee dorgomttonni 130 irratti hirmaachun 1ffaa hanga 3ffatti bahan badhaasa medaliyaa badhaafamanii jiru jedhan.
Hirmaattonni fi deegartoonni dorgommi biskileetti kanarratti hirmaatan akka jedhanitti haawwii ispoortii qaban qaaman arguun fi hawwata turizimii magaalichaa guddisu gaggeefamuun faayidaa hunda galeessa ta'e qaba jedhan. Dorggomtonni damelee biskileetti 3 irratti hirmaachuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahan ABS 'f yaada kenaniin akka jedhanitti cimanii shaakaluun fi hojjachuun sadarkaa badhaafamuuf iciitii isaanii guddaa ta'uu ibsuun qaama dorggommii kana qopheesee magaalaa Adaamaa fi deeggartoota ispoortichaa galateefatan.