Loading...
Tajaajila hojii lamummaa gannaatiin meeshaalee barnootaa walitti qabuun barataan sababa hanqina meeshaalee barnootaa irraa kan ka’e barnoota isaanii akka addaan hin kutne,qulqullina barnootaa kan fooyyeessu,hirmaannaa barattootaa kan cimsuu fi carraa barnootaa walqixa ta’e mirkaneesuuf gahee guddaa qaba. Hoji-Raawwaachiisaa Ol'aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo obbo Mulaatuu Kabadaa hojiin tajaajila lamummaa gannaatiin akka kutaa magaalaa Luugootti taasifamaa jiru bara baraan taasifamaa jiraachuu ibsuun,guyyaa har'as barataan kamiyyuu sababa meeshaalee barnootaa dhaburraan kan ka'e barummsa addaan kutuu hin qabu jechuun,dabtara darzana 6,500,qalama paakeettii 2,010, boorsaa dabtaraa 272,fi Yuunifoormii barattootaa 166 Qarshii miliyoona 5 olitti tilamaamamuu walitti qabuun kennuu dnadeenyee jirraa jedhu.
Hojiin tajaajila lamummaa sadarkaa aanaattiis kan raawwaatamu ta'a kan jedhan obbo Mulaatuun hojii eebbifamaa akkanaa kanarratti tumsi abbootti qabeenyaa barbaachiisaa akka ta'e dhaamaan.
Itti Gaafatamaan Waaajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Luugoo obbo Urgeechoo Kabadaa gama isaniin,akka kutaa magaalaatti hojii tajaajila lamummaa gannaatiin mana harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu,arjoomaa dhigaa taasisuu,meeshaalee barnootaa walitti qabuu fi kanneen biroo raawwaachaa akka turan ibsan.
Sababa dabtara dhabuutiin lammiin kamuu barnootaa addaan kutuu hin qaban kan jedhan obbo Urgeechoon,namonni harka qaleeyyii ta'an akka of dandana kan hojjanu ta'a jechuun,barataan immoo harcaatti tokko malee barnootaa isaarratti akka xiyyeeffatu hordoffiin maatii murteessaa ta'u qaba jedhu.
Maatiin baratootaa akkasumaas bartootni deeggarsi meeshalee barnootaa taasifameef gama isaaniin gammachuun itti dhagahame ibsachaa, qaama deeggarsa taasiseef galata qaban ibsan.