Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-06
Magaalaa Adaamaatti Qaammee 1 Guyyaan Oomishtummaa Agarsiisaa Omishaalee Daldalaa fi Marii Paanaaliin Kabajame.

Magaalattiitti guyyaan Oomishtummaa Kabajame kun  agarsiisaa omishaalee adda addaa dhaabbatni misoomaa Magaalaa Adaamaa Invastimant Giruuppii Adaamaatiin qophaa'ee fi omistummaan walqabatee marii paanaalii gaggeeffameen kabajameera. Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee waggottan darban sochii hawaasaa fi seektaraalee omishuu danda'an uumuuf sochii karoora xiiqiin taasifameen bu'aan argameera jedhan.

Guyyaa omishitummaa sababeeffachuun immoo agarsiisaa bu'aalee omishaa ta'an magaalattiitti akka qopheeffame kaasan.Hooggantootni adda addaa sadarkaa naannootis argamuun daawwatanii  marii taasisaniiru.Hooggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Yeshii Jimaa/PHD/ omishaaleen adeemsa garagaraa keessa darbuun oomishaman walitti hidhamiinsa gabaatiin yoo hin deeggaramin miidhaan diinagdee qaqqabuu danda'a jedhan. Kallattii walitti hidhamiinsi  oomishataa fi Daldalaa/fayyadamaa/ gidduutti ittiin uumamu keessaa immoo agarsiisaa fi baazaariin daldalaa isa tokko waan ta'eef, kanuma 

hubachuun sagantaan Magaalaa Adaamaatti guyyaa Oomishtummaa sababeeffachuun  qophaa'e kun fakkeenyummaa olaanaa akka qabu ibsan.Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu gamasaanitiin waggoottan darban oomishitummaa dabalamaa dhufe yeroo ittaanutti caalatti bu'a qabeessa taasisuuf daawwannaa fi mariin guyyaa omishtummaa sababeeffachuun gaggeessine galtee hedduun irraa argamaniiru jedhan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4