Loading...
Bu'aawwan Hojiilee Magaalaa Adaamaatti Milkaa'uun Olka'iinsa Biyyaa Utuban Irratti Mariin Paanaalii Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaatiin Qophaa'e Qoodafudhattoota Gara Garaa Waliin Gaggeeffame.
Itti Aanaa Kantibaa Magaalaa Adaamaafi Qindeessaa Kilaastara Tajaajilaa Obbo Nigaatuu Mootummaa yaada kennaniin biyyi keenya biyya seenaa guddaa qabduufi guddummaan ishee beekamu osoo hin koloneeffamin birmadummaa gootota isheetiin eegsisaa turte ta'uufi Bara kanas hojiilee misoomaan olka'iinsa mirkaneessan karoora xiiqii hojiirra oolchuun birmadummaa wabii nyaataa eegsisuuf waggoottan shanan darban kallattii adda addaan hojiin hojjetame guddummaa biyyaa agarsiisan, Hidha Haaromsaa guddicha,ashaaraa magariisaa,wabii nyaataa mirkaneessuu, pirojektoota gurguddoo kanneen akka misooma Koriidarii, dipiloomaasii alaafi hojiilee gama hawaasummaa,dinagdeefi siyaasaatiin hojjetamuu eeruun olka'iinsa galmaa'e kunuunfachuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Marii Paanaaliirratti haasawa Saaqinsaa kan taasisan Itti Gaafatamaa Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii yaada kennaniin Itiyoophiyaan rakkoowwan baroota dheeraa moo'achuun hojii misoomaa olka'iinsa dhugoomsuun lammiilee mataa ol qabachiisan dameelee gara garaarratti hojjechuun milkaa'ina keessa jiraachuu kaasuun Magaalaa Adaamaattis pirojektoota gurguddaa olka'iinsa magaalaa mul'isuun guddina biyyaa deeggaran hojjetamuu eeruun mariin Paanaalii kan gaggeeffamuuf milkaa'ina har'aa qabannee egeree keenya daran olkaasuuf kan ittiin karoorfannuudha jedhaniiru.