Loading...
Fooramiin Abbootii Qabeenyaa Invastimantiifi Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Gaggeeffame. Kantibaa Magaalaa Adaamaafi Walitti Qabaan Fooramichaa Obbo Hayiluu Jaldee yaada kaasaniin Hiyyummaa injifachuu qabna kan jedhu yaadama burqisiisuun mul'ata dursuun humna misoomuu biyyi qabdu gadi fageenyaan ilaaluun dinagdee hundarratti xiyyeeffachuun seerota hudhaa ta'an akka hiikkatu taasisuun Invastimantiif xiyyeeffannaa kennuun hojiiwwan misooma si'oomsuu danda'an bu'uuraalee misoomaa diriirsuun hojii guddaan hojjetamuufi kanaanis magaalaan abbootii qabeenyaa hedduu horachuun oomishtummaa dabaluun Oomisha alarraa galu xinneessuufi al ergii guddisuun carraa hojii uumuu,galii Magaalaa guddisuu,Magaalaa giddugala indastirii taasisuufi haalota mijatoo Mootummaaf akka uumamu taasisuufi Qooda fudhannaan hojii misoomaa cimuu kaasuun karoora of danda'uutiin waan hundaan of danda'uuf ciminaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.
Itti Aanaa Kantibaa Magaalaa Adaamaafi Qindeessaa Kilaastara Dinagdee Dr.Maatiyoos Sabbooqaa haasawa Saaqinsaa saganticharratti taasisaniin cee'umsa biyya keessatti invastimantiin shoora olaanaa qabaachuufi dinagdee guddisuun ce'umsa tekinoolojii fiduu kaasuun magaalaan Adaamaas gama kanaan hojii guddaa hojjechuufi Hojii hojjetamu keessatti gaheen abbootii qabeenyaa iddoo olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Itti Gaafatamtuu Waajjira Invastimantiifi Indastirii Magaalaa Adaamaa Aadde Asiyaa Issaa gamasaaniin Invastimantiin Oomisha dabaluun dinagdee biyyaa guddisuu keessatti iddoo olaanaa qabaaachuu kaasuun akka Magaalaa Adaamaatti Baay'inni invastimantii Oomishaa (Manufacturing) 544ture Waggaa shanan darbanitti gara 835tti guddachuufi baay'inni Pirojaktii harka 65 guddachuu kaasuun Humni omishtummaa indastirii akka magaalaatti jirus %50 kan ture gara %67tti guddachuu,Cehumsa tekinoolojii uumuun kalaqaafi ogummaa waliif dabarsuufi ogummaa babal'isuun Galii Bara kanatti bil.20. akka magaalaatti funaaname keessatti bil.1.2 kafaluun % 49 kan Invastimantii ta'uu,
Gabaa biyya keessaa tasgabbeessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii guddaan hojjetamaniiru.
Bara 2019tti carraawwan jiran gadifageenyaan qorachuun humna oomishtummaa parsantaa 70 tti guddisuu al ergii gara parsantaa 60tti guddisuu,carraa hojii lammiilee Kuma 25'f uumuu,hojii tajaajila lammummaa cimsuu,baay'ina,ariitiifi qulqullina dabaluun oomishuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Kaayyoon fooramii walitti dhufeenya Mootummaafi dhuunfaa cimsuu,invastimantii beeksisuu,invastimantii biyyoota alaa wajjiin hariiroo uumuufi jajjabeessuu,Seerota Invastimantiif ba'an irratti mari'achuufi gabbisuu,hojiin invastimantii jijjiirama Waliin akka deemu taasisuun dinagdee biyyaa cimsuuf ta'uu kaasuun Fooramiin akka Magaalaa Adaamaa hojjetaa qabaachuun Waajjira banatee hojii jalqabuu eeruun fuulduraaf Adaamaa guddisuuf jabaannee Mootummaa waliin mari'achuun hojjechuu qabna kan jedhan Abba Qabeenyaa Harrambee Business Giruuppiifi Itti Aanaa Walitti Qabaa Fooramichaa Obbo Faayyisaa Araarsaati.