Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-19
Magaalaa Adaamaatti Eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo, Yunivarsiitii fi Koolleejjota adda addaa irraa eebbifaman waliin mariin gaggeeffameera.

Marichaan gahee dhaloota barate, carraa hojii, kalaqaa fi hojii uumuu, hirmaannaa dargaggootaa misooma magaalaa keessatti, akkasumas dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee irratti marii bal’aan gaggeeffameera.

Dhaloonni barate beekumsa argate gara hojiitti hiikuun, carraa hojii ofii fi kanneen biroo uumuun, akkasumas misooma biyyaafi magaalaa keessatti gahee isaa bahachuun murteessaa ta’uu marii keessatti ka’eera.

Eebbifamtoonniis beekumsa, dandeettii fi humna isaanii fayyadamuun misooma, kalaqaa fi jijjiirama waaraa keessatti qooda isaanii bahachuuf kutannoo qaban ibsaniiru.(Madda:- Adama CityProsperity Partý)

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4