Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-21
Kan Hojjenne Gaaridha Kan nu Hafu Baay'edha.(Itti Aanaa Kantibaa Magaalaa Adaamaa Dr.Maatiyoos Sabbooqaa)

Magaalaa Adaamaatti Kutaan Magaalaa Dambalaa Qaamolee Milkaa'ina Raawwii Hojii Misoomaa Bara 2018 Keessatti Hirmaannaa Addaduree Taasisaniif Beekkamtii Kenne.

Itti Aanaa Kantibaa Magaalaa Adaamaafi Qindeessaa Kilaastara Dinagdee Dr.Maatiyoos Sabbooqaa haasawa taasisaniin Yaadama magaalomsuu qabamee hojjetamaa tureefi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misoomaa akka magaalaatti hojjetame jiruuf jireenya ummataa kan jijjiireefi gama nageenyatiin Magaalaan modeela nageenyaa akka taatuuf Caasaaleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun hojiin misoomaa akka milkaa'u taasisuu ,Galii Magaalaa dabaluu, inisheetivoota qonna Magaalaa guutumaan fudhachuun hojiirra oolchuufi humnoota sadan badhaadhina maatii, tajaajila lammummaafi bajata mootummaatti sirnaan fayyadamuun Ce'umsa qonnaanbulaa gara jireenya fooyya'aatti taasifamuuf haaromee akka Kutaa magaalaatti ijaaruun kan milkaa'e ta'uu eeraniiru.

Dabalataanis yaadamni Mootummaa Ida'amuu dhugaadhaan Magaalaa Adaamaa keessatti lafa qabachaa jiraachuufi Milkaa'ina argame keessatti qaamoleen hawaasaa hirmaannaa taasisuu dubbachuun

kaka'umsa of danda'uutiin haala jiru xiinxaluun hojjechuu,kan hojjenne irra kan  hafe baay'edha waan ta'eef boris kanaa ol ummata qindeessuun hojimaataan hogganuun Magaalaa fakkeenya taate ijaaruun waan hundaan of danda'uu qabna jedhaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Obbo Yimanuu Tashoomaa gamasaaniin Karoora Hojiilee Misoomaa bara 2018 gama hundaan qabaman milkeessuuf Inisheetivoota galmaan ga'uun hojii ummata fayyadamaa taasisan Hawaasaafi hoggansa qindeessuun hojii hojjetameen bu'aa galmeessisuun guddina dinagdee Magaalaa keessatti jijjiiramni guddaan dhufuufi Hojii milkeessuu keessatti qaamoleen gara garaa addadurummaan  hirmaannaa taasisuu kaasaniiru. 

Waliigalatti hojiileen Kutaa magaalichaatti gama siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaatin hojjetaman dubarto

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4