Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-09
Hoggantoonni fi hojjettoonni Wiirtuu Kenna tajaajila iddo tokko 'MESOB ADAMA' hundeeffama waggaa 1ffaa 'MESOB ADAMA' kabajan.

Hoji Gaggeessaan Wiirtuu Kenna Tajaajila Iddo tokko 'MESOB Adama' Obbo Makuuraa Dinquu kaayyoon sagantichaa tokkummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa hojjetoota gidduu jiru cimsuuf akka ta'e himan.  'MESOB ADAMA'n Kenna tajaajila teekinoloojiin deeggarame hawaasa biraan gahuun yaadama Ismaart Adaamaa dhugoomsuu keessatti shoora ol'aanaa taphateera jedhan.

Itti aanaan kantibaa fi qindeessaan damee tajaajilaa magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa ogeeyyiin wiirtuu 'MESOB ADAMA'  mootummaa fi uummata giddutti riqicha ta'uun kaayyoo fi galma wiirtichaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru. 

Fuulduratti tajaajiloota kennamu keessatti hanqinoota fi ciminoota madaalaa deemuun tajaajila fooyyee qabu hawaasa biraan gahuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. 

Kenna tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa taasisuun Itti quufinsaa abbaa dhimmaa dabaluuf kutannoon ni hojjenna kan jedhan immootuu hojjetoota wiirtuu 'MESOB ADAMA' ABS dubbiseedha.

News Image 1
News Image 2
News Image 3