Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-03
Waajjirri Misooma Albuudaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Hayyamaafi Seerota Albuudaa Adda Addaa Irratti Waldaalee Oomisha Albuudaarratti Bobba'aniifi Abbootii Kireecharaatiif Leenjii Hubannoo Cimsu Kenne.

Itti Gaafatamaa Waajjira Misooma Albuudaa Magaalaa Adaamaa Obbo Faasil Gulummaa yaada kennaniin hubannoo kennuun kan barbaachiseef seerota Albuudaa hubsiisuun Qaamoleen hunduu Seeraafi Qajeelfama Albuudaa irratti beekumsa wal fakkaataa qabaachuun al seerummaa hir'isuun qabeenya albuudaarraa faayidaa barbaachisu magaalaaf argamsiisuufi Mirgaafi dirqama qaamolee Oomisha Albuudaarratti bobba'ani jiran beeksisuun hojii hojjetamu akkaataa qajeelfamaafi labsii taa'een hojjechuuf ta'uu kaasaniiru.  

Dabalataanis leenjichaan  hayyama malee hojii Albuuda oomishuu irratti  akka hin hojjenneefi al-Seerummaan Oomisha albuudaa adabbii kan hordofsiisu ta'uu, qindoominaan akka hojjetamu,eeruun akka kennamu,gosa oomishaa hayyamameef qofarratti akka oomishuun barbaachisu kallattiin kennamuu himaniiru.mDhumarratti hubannoo kennamu gara hawaasaafi qooda fudhattootaatti gadi buusuun Itti fufiinsaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.mHirmaattonnis leenjiin kenname Mirgaafi dirqama jiru kan isaan barsiiseefi hudhaalee hojiirratti tureef kan fala ittiin argatan ta'uu ibsaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4