Loading...
Itti Gaafatamaa Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii haasawa taasisaniin Ummanni Itiyoophiyaa aadaa waliin jireenyaafi wal gargaarsaa cimaa kan qabuufi tokko tokkoof qoodee wal deeggaree kan waliin nyaatu tokkummaadhaan biyya isaa diinarraa Ittisuun biyya birmadummaan ishee eegame kan dhaloota dhaalchisan ta'uufi kanaaf maanguddoota har'aa kanneen ta'anis namoota yeroo sanatti Biyyaaf gahee guddaa taphataniidha jechuun hojii gaarii maanguddoonni hojjetan muuxannoo godhachuun Maanguddoota kabajuun waan qabnu waliin qooddachuun hojii gaarii keessatti hirmaachuu akka barbaachisu dhaamuun akka magaalaattis humna danda'amuun Maanguddoota bira kan dhaabatan ta'uu ibsaniiru.
Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafi Moosisaa gamasaaniin maanguddoonni hojii baay'ee hojjechuun namoota biyyaaf waan gaarii oolan waan ta'eef galata qabu jechuun akka magaalaatti deeggarsa karaa birootiin taasifamu cinaatti iddoo waldaan Itti ijaarramee jiru itti abboomsuu dabalatee maashinaroota bakka adda addaatii kennaman hedduu deeggarsaan waldichaaf kennuu eeruun maanguddoonni humna namaa barbaachisu Itti qacaruun maashinaroota hojjechiisuun gara misoomatti galchuun galii dabalataa akka maddisiisu taasisuu qabu jedhaniiru.
Abbaan Qabeenyaa Obbo Wandasan Yegoraw yaada kennaniin Maanguddoota yeroo adda addaatti Biyyaaf aarsaa kafalan deeggaruun gahee Mootummaa qofa waan hin taaneef Maanguddoota tajaajila kennuun Biyyaaf jecha dadhabaniifi soorama bahan hedduu argachuun deeggarsa taasisaafi jiraachuu kaasuun waggaatti si'a lama Bara Haaraafi ayyaana faasikaa irratti sangaa qaluun Sagantaa maaddii qooddannaa kan taasisan ta'uu himuun dabalataan Maanguddoota kanneeniif ji'aan Qarshii 300 dhaabbataan akka sooramaatti karaa Baankii Abisiiniyaatin galchuun akka fayyadaman taasisaa jiraachuufi Gaarii hojjechuun waaqaan walitti nama fida Itti aansees boqonnaa sammuuti waan ta'eef hojii Sagantaa qooddannaa maaddii Itti fufiinsaan kan hojjetuufi qaamoleen biroos Sagantaa akkasiirratti hirmaachuun wal gargaarsaan bal'inaan yoo hojjetame gaarii ta'uu dhaamaniiru.