Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-01
Komishiiniin Turiziimii magaalaa Adaamaa kenna tajaajila hoteelota magaalichaa sadarkaa olaanutti ceesisuuf beekkumsa, gahuumsa ogummaa fi naamusa irratti hojjattoota hoteelotaaf leenjii hubannoo uumuu kenne.

Leenjichi kenni tajaajilaa si'ataa fi qulqulluun guddina magaalittii madaalu akka jiraatu fi ce'uumsa teknoolojii dijitaalaa hoteelota keessatti lafa qabsiisuuf akka ta'e eerameera.

Itti gaafatamtuun komishiinii turiziimii magaalichaa aadde Sa'aadaa Kulu Galmaa industurii hoteelaa si'ataa taasisuuf kenna tajaajilaa ammayyeessuu fi hawwatamummaa hoteelotaa dabaluu irratti bifa guddina magaalittii  madaaluun hojjatamaa jira jedhan.

Keessumaa yaa'ii COP32ffaa Itoophiyaan qopheessitu irratti magaalota hirmaattota simachuuf filataman keessaa magaalaan Adaamaa tokko ta'uu kan himan Aadde Sa'aadaan tajaajila ammayyaa, saffisaa fi qulqulluu diriirsuun cinatti dandeettii, gahuumsi fi naamusni hojjattoota hoteelaa istaandaardii idil-addunyaatiin kan wal sime akka ta'uuf hojjatamaa jiraachuu himan. 

Kanneen leenjicharratti qooda fudhatanis leenjichi muuxannoo guddaa kan qoodee fi guddina industurii hiteelota magaalichaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fiduuf kan onnachiisu ta'uu himaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4