Loading...
Qaammee 4:Guyyaan Daneessummaa Magaalaa Adaamaatti Hojii Tajaajila Lammummaafi Agarsiisa Uffata Aadaa Sabaafi Sablammootatiin Kabajame. Af-yaa'ii Mana Maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa haasawa saganticharratti taasisaniin Itiyoophiyaan Sabaafi sablammoota,amantaa,aadaa,safuufi duudhaa akkasumas afaan hedduu kan qabduufi rakkoolee keessaafi alaa mudatan tokkummaadhaan qormaatilee Seenessa qeenxee qolachuun ijaarsa ishee cimsachuun wal harkaa fuudhiinsa dhalootatiin har'a gahuufi kanaanis Waloomaan gufuuwwan adda addaa keessa darbuun Ijaarsa biyyaa dhugoomsuun injifannoodhaan birmadummaa ishee eegsifachuu kaasuun Sirnoonni darban Sabdaneessummaa haaluun Seenessa qeenxee dhaadhessaa turuufi Sabaafisablammoonni jijjiirama booda sirna qeenxee qabsoon injifachuun itiyoophiyaa hundaaf taatu ijaaruun guddina ariifataa galmeessisaa Jiraachuu eeraniiru.
Dabalataan Mootummaan xumura hidha Haaromsaa guddichatti aansee jijjiirama gurguddaa damdaneessaa galmeessise biratti Ijaarsa biyyaa keessatti mariifi marabbaan rakkoo Waliin furuuf Marii Biyyaalessaatiin kutannoon karaa haaraa saaqera,Biyyis hojii Addunyaaf fakkeenya ta'u hojjechaa jirti.Kanaaf injifannoo waliin arganne caalmaan itti fufsiisuuf qormaata nu mudatu moo'achuun Sirna haqaafi amansiisaa ta'e ijaaruuf hawaasni waloomaan kabajaafi jaalalaan jiraachuun hojiiwwan gurguddoo Cehumsa biyyaa mirkaneessuuf mootummaadhaan hojjetaman galmaan gahuu barbaachisa jedhaniiru