Loading...
Daawwannichaan Boqolloo fi Bolloqqee kilaastaraan zoonichatti misoomaa jiru ilaalaniiru. Hojii Raawwachisaa ol'aanaa Kutaa Magaalaa Daabee obbo Fayyisaa Lammii akka kutaa magaalichaatti midhaan gosa adda addaa kan akka qamadii,xaafii,boqqolloo fi bolloqqee bal'inaan misoomaa jiraachuu dubbatan.
Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf biqiloota nyaataa akka Paappayyaa,Muuzii fi Avokaadoof xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Misoomni qonnaa jiruu fi jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu bira darbee wabii nyaataa jiraattota magaalaa mirkanneessaa jiraachuu himan.
Bulchaan Aanaa Solloqqee Dongorree Obbo Sa'id Huseen akka aanichaatti Boqolloo lafa heektaara 815 fi Boloqqeen heektaara 210 irratti misoomaa akka jiru ibsaniiru. Xiyyeeffannoon mootummaan damee qonnaaf kenne jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jiraachuu kan himan immootu hirmaattota daawwannichaa ABS dubbiseedha.