Loading...
Waldichi qonnaan bultoota miseensa 19 qabuun kan hundaa'e yoo ta'u turtii hojii waggaa tokkoo keessatti dhiyeessii gahaa ta'e gara magaalichaa galchuun hoji dhabdoota 500 oliif ammoo carraa hojii uumuu danda'uu miseensi fi walitti qabaan boordii waldichaa obbo Girmaa Alamuu himaniiru.
Hojii hojjetaa jiran keessatti waajjiri daldalaa magaalichaa deggarsa taasisaafi jiraachuu kaasuun bakka dhiyeessii isaanii jiraattotaaf itti rabsan akka mijeessuuf immoo gaafatan.
Yeroo ayyaanootni garaa garaa kabajamanis ta'e guyyaa biroo dhiyeessii qullubbii diimaa irratti hanqinni akka hin uumamne hojjechaa jirra kan jedhan ammoo miseensa waldichaa biroo obbo Maammush Dallataati.
Daldaltoonni gabaa sambataa fi gabaa idilee irratti bobba'anii hojjetan arginee dubbifne tokko tokko oomisha gahaa ta'eef qulqullina qabu haala salphaan argachuun hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu himan.
Carraa hojii aragataniin hojjetanii maatii saanii geggeessaa jiraachuu ammoo dargaggoonnif dubartoonni carraan hojii uumameef dubbifne himan.