Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-03
Waajjirri Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Magaalaa Adaamaa

Waajjirri Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Magaalaa Adaamaa Qajeelfama Raawwii Hojii Labsii Lakk. 24/2015, Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Irratti Hoggansa sadarkaa garaagaraa fi hojjettoota Mootummaa Magaalaa Adaamaatiif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Kenne. Itti Gaafatamaan Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Magaalaa Adaamaa Obbo Geetaachoo Xaafaa,Karoora bara 2018 milkeessuuf humnoota waloo fayyadamuun hojiiwwan hedduun hojjetamuu himan.

Leenjiin Kun karoora of-danda'uu Bara 2019 qabame milkeessuuf  Qajeelfama,Naamuusaa fi Kenna Tajaajila hojii mootummaa irratti kan xiyyeefate tahuu ibsan.

Tajaajila hawaasaa tuttuqaa fi loogii irraa bilisa gochuun hawaasaaf Kara qulqulluu fi Si'aa'inaa qabuun akka kennamuuf Leenjii dandeettii raawwachiistummaa hojjettoota cimsu tahuu himan.

Keessattuu Yeroo hojii kabajuun naamusa iddoo hojii eeguun murteessaa ta'uu ibsuun kanaaf immoo utubaa kan tahee hojjettoota Mootummaatii jedhan.Kanaafis Leenjii argataniin karoora of-danda'uu mootummaan qabatee jiru milkeessuuf  akka qaban dhaamaniiru.

Saganticha irratti argamuun Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii, ummanni keenya kan mootummaa irraa barbaadu tajaajila quubsaa argachuu fi fedhiiwwan akkasumas faayidaa isaa karaa sirriin guuttachuu kan  dandeessisuudha jedhan.

Keessattuu, rakkoo hawaasummaa  hiikuun hojii mootummaa keessatti murteessaa ta’uu kan himan Obbo Bariisoon, Magaalaa Adaamaattis rakkoolee ummataa furuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoolee ummataa karaa bu’a qabeessa ta’een hiikuuf immoo dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa fi hoggansaa yeroo yeroon cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Barbaachisummaan  leenjichaa barri  2019 karoora of-danda'uu waanta'eef, Seektaraaleen hundi gama hundaan gahoomuu akka qabu  Daarektarri daarekterotii karoora, Misoomaa fi bobba'iinsa qabeenya ñamaa biiroo paabilik sarvisii fi Misooma ñamaa Oromiyaa Obbo Malkaamuu Fallaqee himan.

Tajaajila kennanis kalaqaa fi Si'aa'ina dabaluun akka kennamu qabuuf leenjiin dandeettii raawwachiistummaa hojjettoota Mootummaa murteessaa ta'uu ibsaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4