Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-20
Bulchiinsi magaalaa Adaamaa haala karoora of danda'uu bara 2019 milkeessuun danda'amurratti hooggansa dubartootaa sadarkaan jiranii fi jiraattota magaalichaa waliin mari'ate.

Maricharratti raawwiin hojii waggoottan 5'n darban fayyadamiinsa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman xinxalamuun karoorri bara itti aanuu gama dubartootaan qabame ibsameera. Itti gaafatamtuun gurmuu dubartootaa magaalichaa Immabeet Kabbadaa bara 2019 gama carraa hojii  uumuutiin,aadaa qusannaa babal'isuu fi inisheetivii hawaasummaan dubartoota fayyadamoo taasisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Sooreechaa Asfaaw akka magaalichaatti waggoottan 5'n darban karoora xiiqii gama hundaan qabamee hojjitti hiikameen muuxannoo fi injifannoon hedduun galmaa'uu himan.

Bara 2019 Karoorri of danda'uu kan duraa caalaa fooyyee ta'e qabamuu himanii milkaa'ina isaaf dubartoonni adda durummaan hirmaachuu qabu jedhan. Afa yaa'iin mana marii magaalaa Adaamaa aadde Immabeet Jibbaa dubartoonni gahee hojii qaban fi carraa argatan hundaratti kutannoon hojjechuun milkaa'ina argame itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4