Loading...
Hoji Gaggeessaan Dhaabbata AHDI Obbo Mohaammadyaassin Usmaan Dhaabbatichi Biyya Ameerikaa Kaabaa Meensotaatti daa'imman maatii maleeyyii gargaaruun Bara 2012 A.L.I hundeeffamee kanaan dura Harargee Lixaa Magaalaa Mi'eessootti hojii deeggarsaa gara garaa hojjechaa turuufi seera qabeessummaa guuttachuun turtii Waggaa shanii taasisuun bal'inaan Daa'imman maatii maleeyyii daandirra jiraatan walitti qabuun iddoo tokkotti leenjisuun hojii jalqabsiisuu,dhaabbilee Mootummaa waliin hojjechuun miidhaa qaama miidhamaarra gahu xinneessuu, xiyyeeffannaa Mootummaa beekuun kallattii sanaan hojjechuuf waan xinnoo qabuun lammii ofi gargaaruuf gara Magaalaa Adaamaa dhufee hojjechuuf Karoora qabaachuu ibsaniiru.
Itti Gaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaafi Miseensa Caffee Oromiyaa Aadde Aminaa Inkushii haasawa taasisaniin Daa'imman Maatii hin qabneefi qaama miidhamaa deeggaruun egeree ijaarrachuufi hojii eebbifamaa gatii waaqarraa argamsiisu ta'uu eeruun lammiin laphee qulqulluu namoomaan saba isaa ilaalu yoo baay'ate jijjiirama mootummaan fidaa jiru keessatti deeggarsa ta'uun biyya kan guddisuufi dhaabbatichi hojii Magaalaa Adaamaatti hojjechuuf deemu keessatti ogummaaa leenjisee deeggaruun waa jijjiiruun gargaaramuurraa gara oomishtummaatti fiduun namni hojjetee akkaataa Itti of gargaaru taasisuu irratti hojjechuu qaba jedhaniiru.
Bakka Bu'aa Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ahmad Mohaammad yaada kennaniin Mootummaan Karoora gargaaramuurraa gara oomishtummaatti jedhu qabatee lammiilee gargaaramtummaarraa gara of danda'uutti jijjiiruuf yeroo hojjechaa jirutti dhaabbanni deeggarsaa barbaachisaa ta'uu kaasuun Dhaabbanni AHDI's karooraan karaa qindaa'een seera qabeessaan daa'imman maatii Maleeyyiifi Qaama Miidhamaa gargaaramuu qaban kallattii mootummaan qabateen namoota gara hojiitti galchuun deeggaruun bifa gara garaatiin hojjechuun rakkina keessaa baasuu akka qaban dhaamaniiru.