Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-23
Magaalaa Adaamaatti kutaan magaalaa Abbaa Gadaa qaamolee raawwii hojii bara 2018 keessatti milkaa'ina olaanaa galmeessaniif beekamtii kenne.

Saganticha irratti hooggantoonni magaalaa, kutaa magaalaa fi Aanaalee, abbootiin gadaa fi haadholiin sinqee, akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Hojii raawwachiisan olaanaa Kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Injinar Naannoo Masqalee, mootumman jijjiramaa imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjechaa jiruun akka kutaa magaalichaatti bu'aawwan hedduun argamuu kaasani, milkaa'inna raawwii hojii bara 2018 argame karoora of danda'uu bara 2019 milkeessuufis caasaaleen mootummaa fi hawaasni kutaa magaalichaa kutannoo agarsiise cimsee itti fufuu akka qabus dhaamaniru

Itti gaafatamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Adam Faqoo, jijjiirama gama siyaasaa fi diinagdeen dhufe keessatti gaheen qooda fudhattootaa olaanaa ta'uu himuun, sirni  beekkamtii kun raawwii hojii waggoottan shanan darbanii keessatti gama misoomaan, dinagdeen, siyaasaanii fi kanneen biroon argame irratti jajjabeessuu fi hojiiwwan karoora of danda'uu bara 2019 keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaban irraatti abbummaan akka bahatanif ta'uu dubbataniru.

Qooda fudhattoonni milkaa'inna kana keessatti shoora olaanaa bahatan gama isaaniin, karoora qabame qindoominaa fi harcaati tokko malee hojjechuun badhaasaaf dhaqqabuu himani, beekkamtiin kennames kan isaan onnachiise ta'uu dubbataniru.

Beekamtiin kun waajjiraalee, dhaabbilee dhuunfaa, dhaabbilee Amantaa, abbootii qabeenyaa, caasaalee nageenyaa fi qooda fudhattoota adda addaa milkaa'ina hojiilee misoomaa fi nageenyaa bara 2018 keessatti shoora bahataniif kennamee jira.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4