Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-17
Magaalaa Adaamaatti Sagantaan Waarii Aartii Qophaa'e.

Saganticharratti argamuun yaada kan Kennan Itti Aanaa Komishinii Turizimii Oromiyaa Komishinar Naggaa Wadaajoo yaada kennaniin Magaalaan Adaamaa Turizimiidhaaf mijattuu ta'uu ishee taateewwan adda addaa qopheessuun mirkaneessaa akka jirtuufi yaa'iiwwan gurguddaa hedduun kan itti gaggeeffamu ta'uu kaasuun taateewwan aartii,ispoortiifi dorgommiiwwan gara garaa qopheessuun keessummoonni akka bashannanan, turmaata isaanii akka dheeressan taasisuun gahee qabaachuufi magaalaan Adaamaa sirritti dhimma itti bahaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis Sagantaan waarii aartii qophaa'uun kalaqa aartii cimsuun Dargaggoonni aartii keessa jiran Kaka'umsa akka horatan, keessummoonni Magaalaa aartidhaan akka yaadatan taasisuu,dadammaqiinsa uumuun dinagdee Magaalaa kan guddisu ta'uufi Sagantaan akkasii Itti fufiinsaan qophaa'uu akka qabuufi magaalonni hundinuu haala akkasii hordofuu akka qaban dhaamaniiru.

Itti Gaafatamtuu Waajjira Turizimii Magaalaa Adaamaa Aadde Saadaa Kuluu gamasaaniin saganticharratti Hoggantoonni Komishinii Turizimii Magaalota Oromiyaa irraa gamaggamaaf Magaalaa Adaamaa turan hirmaachuu ibsuun Waariin Aartii dinagdee magalaalaa guddisuun Magaalota Oromiyaa walitti fiduufi tokkummaa hawaasaa uumuu keessatti shoora qabaachuufi Haaromsa aadaa jajjabeessuun aadaafi duudhaa ganamaatti deebi'uun imala badhaadhina hundagaleessa galmaan gahuuf deemamaa jiru kan milkeessu ta'uufi taateewwan kanaandura Magaalaa Adaamaatti qophaa'an yaa'insi daawwattootaa akka dabalu taasisuun sosochii Daldalaa Si'oomsuun galiin akka dabalu taasisuufi fuulduraaf bal'inaan hojjechuun Magaalaa Adaamaa konfirans turizimiin akka Baha Afrikaatti beekkamtu taasisuuf kan hojjetan ta'uu eeraniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4