Loading...
Waajjirri Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Adaamaa Seerotaafi Labsiiwwan Mirgaafi Faayidaa Qaama Miidhamaa Ilaalchisee Bahan Irratti Qooda Fudhattootaaf Hubannoo Kenne. Itti Gaafatamaa Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii haasawa taasisaniin Mirga qaama Miidhamaa eeguuf Seeronni akka biyyaatti bahanis faayidaa eegsisuurratti hanqinni jiraachuu eeruun Qaama miidhamaan Misooma biyyaa keessatti qooda akka bahaniif Hijiilee akka biyyaatti hojjetamu keessatti hirmaannan qaama Miidhamaa yoo hin jiraanne guutuu ta'uu waan hin dandeenyeef hojiilee karoorsinu hunda keessatti galchuun haala mijataa qaama miidhamaaf uumuun deeggarsa taasisuun Mirgaafi faayidaa qaama Miidhamaa seeraan taa'e akka magaalaatti hojiirra akka ooluuf hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.
Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Moosisaa gamasaaniin hubannoon kan xiyyeeffatu mirga qaama miidhamaa irratti hubannoo waliigalaa argachuun hojiilee misoomaa hojjetamu keessatti eegumsa mirga qaama miidhamaa mirkaneessuufi hojiiwwan kanaandura qaama Miidhamaa irratti akka magaalaatti hojjetaman keessatti qaamolee gumaacha taasisaniif beekkamtiin kan kennamu ta'uu kaasaniiru.
Dabalataanis Maalummaa qaama miidhamaafi Eegumsa mirga qaama Miidhamaa irratti maal hojjechuu akka barbaachisu rakkoo qaama Miidhamaa irra gahu adda baasuun kan irratti hojjetamuufi tumsa gochuun hirmaachisummaafi rakkoo haqaa irratti hubannoo kan kennamuufi qaama miidhamtoonni akka biyya keenyaatti lakkoofsa hawaasa keessaa baay'ina guddaa qabu waan ta'eef hojii misoomaa keessatti hirmaachisuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan taasisuu qabna jedhaniiru.
Dhumarratti Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaatti Daarektara Dhimmoota Eegumsa hawaasummas kan ta'an Obbo Abdullaahii Ahmad,Hojii misoomaa keessatti qaama miidhamaa duubatti gannee Misooma hundagaleessa mirkaneessuun hin yaadamu waan ta'eef carraa hojiifi mijaa'ina uumuun qaama miidhamaa hojii misoomaafi siyaas diinagdee keessatti hirmaachisuun fayyadamaa taasisuu qabna jedhaniiru.