Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-08-20
Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Dhaabbata Backnar Itiyoophiyaa Magaalaa Adaamaa Waliin Ta'uun Tajaajila Qorannoo Fayyaa Tajaajila Lammummaa Adeemsise.

Kaayyoon Tajaajila Lammummaa Qorannoo Fayyaa Tolaa yeroo ammaa facaatiin  dhukkuboota daddarboo hin taanee daran dabalaa waan jiruufi hawaasni osoo hin beekin miidhaa dhaqqabsiisuun hamma du'aatti geessisaa kan jiru waan ta'eef xiyyeeffannoo kennuun hawaasni of beekee akka yaalamuufi irraa Dursee of eeggatu hubannoo kennuuf kan kaayyeffateedha.

Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Obbo Xaasoo Daamxoo yaada kennaniin Qorannoon Fayyaa Tolaa tajaajila lammummaatiin Kennamaa Jiru karaa Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaafi Dhaabbata Backnar Itiyoophiyaa Magaalaa Adaamaatiin Hojjettoota Mootummaatiif ta'uu ibsuun calalliin adeemsifamu Dhibee dhiibbaa dhiigaa, Dhibee sukkaaraa, Dhibee tiruu,kaansarii fiixee afaan  gadaamessaafi harmaa irratti hubannoo kennuun calalliin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis  rakkoo hamaa hawaasaa kan ta'eefi mallattoo osoo hin agarsiisin turuun du'aatiif kan saaxilu dhibee tiruu irratti xiyyeeffachuun calallii taasisuun namoota saaxilamoo ta'an kallattiidhaan Hospitaala Adaamaa,Hospitaala Awaash,Hospitaala Riifti vaaliifi Hospitaala Generaala Adaamaatti erguun yaala akka argatan taasisuufi fuulduraaf hojii idileedhaan dhaabbilee Fayyaa keessatti hojjetamu cinaatti tajaajila akkasii Itti fufsiisuun yeroo yeroodhaan namni akka of ilaalu taasisuuf kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.

Ogeessi Fayyaa Laabraatorii Jambar Fiqaaduu gamasaaniin Sagantaa Qorannoo Tolaa tajaajila lammummaa Kennamaa jiruun namoota 200 ol ilaaluufi hojjetaan tajaajila Kennamaa jirutti gammachuun fayyadamaa jiraachuu kaasuun hojjetaan tajaajila ummataa kennaa jiru osoo addaan hin kutin  qorannoo taasisuun fayyadamuu kaasuun yeroo yeroon ilaalamuun fayyummaa isaa irratti hojjechuu qaba jedhaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4