Loading...
Magaalaa Adaamaatti komishiiniin turiziimii magaalichaa hojiilee waggoottan shanan darbanii xiinxaluun sosochii hubannoo karoora of-danda'uu bara 2019 irratti dhaabbilee investimantii tajaajilaa waliin mari'ete. Waggoottan shanan darbanitti imala badhaadhinaa milkeessuuf, hojiiwwan mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoon irratti hojjachaa ture keessaa tokko damee turiziimii yoo ta'u, kanaanis bu'aawwan gurguddoon galmaa'aniiru.
Magaalaa Adaamaattis xiyyeeffannoo damichaaf kennamee hojjatamaa tureen guddinni turiziimii magaalichaa dachaan dabalaa dhufuun eerameera. Hojiin sadarkaa qulqullina hoteelotaa madaaluu fi idoowwan hawwata turiziimii qorachuun addaa baasuun misoomsuus hojjatamaa turuun ibsameera.Waltajjii marii kanaan yaadaa fi gaaffileen hirmaattotarraa ka'uu erga irratti mari'atamee booda, qabeenya dilbii magaalichi qabuu fi carraa jiru sirnaan fayyadamuun jijjiiramaa fi bu'aa caalmaaf ejjannoo waloon hojjachuu fi jijjiiramaa fi milkaa'ina akka magaalaa,naannoo fi biyyaatti dhufaa jiru itti fufsiisuuf waliigalameera.
Itti gaafatamtuun waajjira komishiinii turiziimii magaalaa Adaamaa aadde Sa'aadaa Kuluu Galmaa Bara 2018 qofa galiin birrii miil. 2.9 damee turiziimii irraa argamuu himan. Milkaa'ina turiziimii magaalichaa itti fufsiisuuf Yaa'iinsa turistii biyya keessaa fi alaa dabaluun murteessadha kan jedhan aadde Sa'aadaan keessumaa yaa'iin COP32ffaan Itoophiyaan simachuuf jirtu guddina damichaa fi magaalichaaf carraa gaarii fidee kan dhufu ta'uu ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira ppaartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa Waggoottan jijjiiramaatti magaalaan Adaamaa wiirtuu jijjiiramaa fi misooma maraa muuxannoo qooddu ta'uu dandeessee jirti jedhan.Waggoottan saddeettan darban bu'aawwan jijjiiramoota gurguddoon dhufan keessaa tokko bilisummaa ta'uu kan himan Obbo Ashanaafiin
Karoora Ofdanda'uu kan milkaa'u ogummaa fi dandeettii hedduu qabaachudhaani kan jedhan Obbo Ashannaafiin dhaabbileen tajaajilaa zoonii qulqulluu, kenna tajaajilaa si'ataa, naamusaa fi dandeetti raawwachiistummaan gahoomuun maqaa gaarii biyyaa fi magaalaa ijaaruuf hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.