Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-09
Magaalaa Adaamaatti qaammeen 5 guyyaan egeree qopheessummaa waajjira barnootaafi carraa hojii Uumuufi ogummaa Magaalaa Adaamaatiin marii Paanaaliin kabajame.

Guyyichi mata duree kalaqaa fi  teeknooloojii dagaagsuu jedhuun kabajame. Itti gaafatamaan waajjirra barnootaa magaalaa Adaamaa obbo Darajjee Tasfaayee barri keessa jirru bara teeknooloojii fi oguummaati jechuun akka magaalaa Adaamaattis itti fayyadamni teeknooloojii sadarkaa kam irra jiraaf, fuula duratti maaltu hojjetamuu qaba kan jedhu ilaaluuf mariin kun qophaa'uu himan.

Maddi kalaqaa fi teeknooloojii mana barnootaa waan ta'eef dhimma kana irratti manneen barnootaa cichoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu kaasan.

Saganticha irratti argamuun kallatti hojii kan kennan itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadiir Xayyibuu seenaa biyya kanaa bu'uura irraa jijjiruuf nama ogummeessuu fi teeknooloojiin wal barsiisuun dhirqama jedhan.

Uummata diinagdeen humneessuu, dhaloota egeree qaruun ogummaadhaan gahoomsuun, carraa hojii tekinoolojiifi ogummaan deeggarame qopheessuun murteessaa ta'uu dhaaman

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4