Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2025-03-29
Eid Mubarak!

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaan baga sooma hiikkaa ji'a ramadaanaa (Eid_Al-Fitir) 1446ffaa nagaan isin gahe jedhaniiru.

Jiini ramadaanaa ji'a ulfoo hordoftoota amantichaa biratti obbolummaa, tokkummaa fi walcinaa dhaabachuu waan ta'eef akkama baratame duudhaa amantichaa hordofuun harka qalleeyyii deeggaruu fi ayyaanicha waliin akka dabarsanii fi hawaasni islaamaa hojiilee nageenya, misoomaa, fi dinagdee magaalaa keenyaa keessatti adda durummaan hirmaachuun gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.