Loading...
I/G Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii baga ayyaana qillee bara 2017 geessan jechuun yeroo jireenyi qaala'e kanatti ayyaanota yoo kabajnu aadaa walgargaarsaa qabnu cimsuun harka qalleeyyii bira dhaabachuun waaqarraayis namarraayis eebba argachuu waan ta'eef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Adaamaa Aadde Kadiijaa Jamaal ayyaana qilleetiif baga geessan jechuun qaamolee gara garaa hirmaachisuun harka qalleeyyiif waan ayyaanaan oolan kennuu ibsanii jiraattonni magaalaa keenyaa waan ofii qopheeffaterraa harka qalleeyyiif qoodaa ayyaana waliin akka kabajan gaafataniiru.