Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-07
Magaalaa Adaamaatti Kutaan Magaalaa Abbaa Gadaa Leenjii Yaad-Rimee Haaromee Baadiyaa Fi Tarsiimoo Misooma Ogummaa Irratti Xiyyeeffate Hoggansa Sadarkaan Jiraniif Kenne.

Hojii raawwaachiisaa olaanaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Injinaar Naannoo Masqalee yaada kennaniin akka jedhaniitti,yaadamni mootummaa ida'amuu uummata barnootaan,teeknolojii fi dinagdeen cime horachuu akkasumaas sirna cimaa ijaaruuf mootummaa halkanii guyyaa hojjachaa jiruudha  jedhu.Galmi mootummaa idama'amuu lammiileen biyyaattii teekinoloojii fi barnootaan cimanii arguudhaa kan jedhan injinaar Naannoo,

Kana caalaa hojjachuun fayyadamuummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf of kenninnee hojjachuu qabna jedhu. Itti Gaafatamaan waajjira carraa hojii ummuu fi ogumma Magaalaa Adaamaa obbo Abdurqaadiir Xayyibuu gama isaniin,yaadama ida'amuutiin biyyaa hogganaa jira jechuun hojiilee mootummaa jijjiiramaatiin hojjatamaniin jijiiramoota gurguddoo arguu dandeenyeerraa jedhu.

Hojiilee boonsaa bara kana keessatti raawwaatamaniin qa'ee qonnaan bulaa magaaloomsuu danda'uun siidaa seenaan bara baraan yaadatuu hojjachuun akka danda'ame kan ibsan Obbo Abdurqadiir,yeroo ittii aanuuf kana caalaa hojjachuun jiruu qonnaan bulaa jijjiiruuf kan hojjatamuu ta'a jedhu.

Kanneen leenjiirratti hirmaatan gama isaniin leenjiichi tooftaalee hojiilee itti aanaan  itti raawwaachuu dandeenyuu kan nutti agarsiisuudhaa jechuun yaada kennaan.

News Image 1
News Image 2