Loading...
Marii Dargaggoota Kutaalee Magaalattiirraa walitti bahan hirmaachise kanarratti hojiilee fayyadamummaa hawaas-diinagdee fi siyaasaa dargaggootaa mirkaneessuuf magalattiitti raawwataman ka'umsaaf dhiyaataniiru. Hojiilee waggoottan darban raawwataman fi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessaniif beekkamtii kennuun dameewwan qaawwaan irratti muldhatan akka sirratan gaafatan dargaggootni yaada kennan. Adeemsa Furmaata rakkoolee fi hojiilee karoora ofdanda'uu milkeessuuf qabaman keessatti hirmannaa hundagaleessa ni taasifnas jedhan.
Baroota Jijjiiramaa darabanitti Yaadama Ida'amuutiin masakamaa tarsiimoowwan garagaraa bu'ureffachuun sochii taasifameen bu'aalen hedduu galmaa'aniiru jedhan Kantibaa Ittaanaa fi Qindeessaan Kilaastara Diinagdee Magaalaa Adaamaa Maatiyoos Sabbooqaa/PHD/ maricharratti argamuun ibsa kennaniin.
Kana keessatti rakkoolee qaamolee hawaasaa furuuf imala fagoo deemameen fayyadamummaan mirkanaa'uu kaasanii karoora ofdanda'uutiin kana daran baldhisuuf ni hojjatama jedhan. Daragaggootni qoorqalbii hojii kamiifuu qophaa’e horachuu akka qaban dhaamaniiru Doktar Maatiyoos