Loading...
Leenjiin kun hubannoo hoggantootaa cimsuun, yaad-rimee baadiyaa haaromee hojiirra oolchuu fi misooma ogummaa, kalaqaa fi teeknooloojii babal’isuun guddina hawaas-dinagdee saffisa qabu fiduu irratti Hooggansi hubannoo Wal fakkaata qabaachuun hawaasa akka Barsiisu irratti kan xiyyeeffateedha.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Luugoo, Obbo Mulaatuu Kabbadaa, akka ibsanitti galmoota Badhaadhinaa milkeessuuf guddina magaalotaa qofa irratti xiyyeeffachuun gahaa miti jedhan.
Baadiyaa ammayyaa ijaaruu fi hawaasa baadiyaa jireenya ammayyaa jiraatan uumuu, akkasumas misooma magaalaa fi baadiyaa walqixa saffisiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hooggansi sadarkaa hundaa jiru hubannoo karaa walfakkaataa ta'een hawaasaaf akka kennu jechuun ergaa dabarsaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Luugoo, Obbo Urgeechoo Kabbadaa, gama isaaniin, haaromee baadiyaatiin uummanni baadiyaa jireenya ammayyaa akka jiraatuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa magaalota keessatti argaman baadiyaattis akka babal’atan gochuun, misooma walqixaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin kunis hoggantoonni sadarkaa adda addaatti argaman yaad-rimee baadiyaa haaromee fi tarsiimoo misooma ogummaa fi kalaqaa sirriitti hubachuun gara hojiitti akka hiikan taasisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.