Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-03
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti, Aanaan Caffee Raawwii hojii Misooma innisheetiivii Qonnaan bu'aan gaariin argamaa jiraachuu beeksise.

Aanaan Caffee Innisheetiivii Misooma Qonnaan bu'aa gaarii galmeessaa jiraachuu turtii Miidiyaa ABS waliin taasisaniin kan ibsan  Bulchaan Aanaa Caffee Obbo Fayyisaa Badhaadhaa bara kana innisheetiivii Qonnaa Aanichatti gaggeeffamaa jiran Kanneen akka Oomisha Dammaa,horsiisa Qurxummii,Fordisa Loonii, Booyyee fi horsiisa Lukkuun karooraa olitti milkaahuu dubbatan.

Ergaa dabarsaniinis, hojii Furdisaa bara kana ittiin milkoofne cimsuun,kanneen harcaatiin itti mul'ate irratti xiyyeeffannoo kennuun bara 2019tti karooraan oliin milkeessuuf gamanumaa sochii jalqabamuu dubbatan.

Itti dabaluun yaada kennaniin, Hawaasni Aanichaas karoora of danda'uun sochii wabii nyaataan of danda'uuf taasifamu cimsee itti fufsiisuuf  of qopheessuu qabaan dhaaman.

 Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Caffee Obbo Sulxaan Goobanaa gama isaaniin Sochii Misooma qonnaa Aanichaan milkaahinni gaariin jiraachuu kaasuun,Qonni Aanichatti raawwatamu kilaastara shanitti qoodamee hojjatamaa kan jiru ta'uu eeruun  Horsiisa Booyyee,Qurxummii,Lukkuu,hojii Aannanii fi Dammaa jalatti  qoqqoodamee raawwatamaa kan jiruun eeran.

keessumaa misooma Furdisa Loonii fi ijaarsa Sheedii Lukkuu harka dhibbaa oliin keessaa bahuu dandeenyeerraan dubbatan.  Oomisha qonna qamadii Aanichatti raawwatamuuf qophiin galtee qonnaa dhiheessuu cimee itti fufuu kaasan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3