Loading...
Caasaaleen nageenyaa lammiileen misoomarratti bobbii taasisuun akka hojjetanii jiruufi jireenyaa ofii jijjiran halkan guyyaa qorraa fi Roobaa,Aduu osoo hin jedhiin boqonnaa malee ni hojjetuu.
Kanuma bu'uuraa godhachuun qajeelchii ol'aanaa poolisii Magaalaa Adaamaa Maatii caasaalee nageenyaa wareegamaanfi harkaa qalleeyyii ta'anii meeshaalee barnootaa dhaban Aanaalee hundarra adda baasuun meeshaalee barnootaa Dabatara Darzan tokko tokko fi qalamaa namoota 113f kenne.
Itti Gaafatamtuun tajaajila poolisii hawaasa
Qajeelchaa Ol'aanaa poolisii Magaalaa Adaamaa Komandar Dureetti Fayyoo deeggarsii taasisa jiru maatii wareegamtootaa poolisii fi Milishaa akkasumas hawaasa keessa kanneen harkaa qalleeyyii ta'an 113 meeshaalee barnootaa taasisa jira himan.
Hawaasni magaalaa Adaamaa nageenyaa magaalaa Adaamaa itti fufsiisuuf akkuma kanaan duraa eeruu nuu kennuu qabu,Abidda mana keessatti yeroo fayyadaman of eeggannoo taasisuu qabuu jedhan.
Ittisan Yakka qajeelchaa poolisii Magaala Adaamaa Komandar Birhaanuu Maammoo
Caasaan nageenyaa, nageenyaa eeguu qofa osoo hin taanee jiruu fi jireenyaa hawaasummaa keessatti gahee bahuu akka dandeenyuu agarsiisuuf daa'immaan wareeggamttootaa nageenyarratti wareegamaan akka baratan taaaisuuf deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisinne jedhan.
Nageenyi hin jiruu yoo tahee bahaani galuufi misoomaa itti fufsiisuun hin danda'amuu kanaaf halkan guyyaa tasgabbii Magaalaa keenyaaf qindoominaan hojjechaa milkeessas jira jedhan.
Maatiin wareegamtootaa mreshaalee barnootaa argatan caasaleen nageenyaa yeroo hundaa nuu biraa dhabachuun nuu.jajjabeessa jiruu galata qabuu jedhan. Dhumarratti Ayyaana bara 2019 ilaalchisee erga baga geessan dabarsan.