Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2026-09-01
Waajjirri Saayinsii fi Teeknolojii Magaalaa Adaamaa

Waajjirri Saayinsii fi Teeknolojii Magaalaa Adaamaa Dhaabbata Tikaa fi Odeeffannoo Biyyooleessaa waliin ta'uun ittisa saayibarii ilaalchisuun ogeessota kenna tajaajila iddoo tokkoo ''MESOB'' fi qooda fudhatoota biroof leenjii kennuu eegale. Magaalaa Adaamaatti  giddugalli daataa “ Adama Data center” xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uun kan yaadatamuudha.

Wirtuun daataa kun giddu gala odeeffannoo teeknoloojii addunyaan irra geesse kan hidhate yoo ta'u ammayyummaa magaalichaa sadarkaa olaanaatti ceesiseera.

Wiirtuu Daataa kana haleellaa fi banamiinsa seeraan alaa irraa eeguun nageenya saayibarii mirkaneessuun murteessadha jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Saayinsii fi Teeknolojii Magaalaa Adaamaa obbo Kadiir Ilkaa.

Kaayyoon leenjichaas meeshalee dijitaalaa akka kompiitaraa, sarvaroota , neetworkii fi kanneen biroorraa seerota ittiin saayibarii ittisuun danda'amurratti hubannoo ogeessootaa cimsuuf jedhan. Leenjichi guyyoota 7'f itti fufuu sagantaa baheerraa odeeffanneerra.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4